ONM-ABO Waxabajjii 21, 2025
Godina Lixa Harargee aanaa Daaroo Labuutti kan argamu bulchiinsa magaalaa Machaaraa irraa dargaggoota lama kanneen maqaa fi bakki dhaloota isaanii yeroof adda hin bahin hidhamtoota siyaasaa lakkoofsaan hedduu ta’an keessaa baasuun Waxabajjii 18, 2025 tokko magaalichuma keessatti yoo ajjeesan, isa kaan ammoo naannoodhuma magaalichaa bakka addaa Laga Ejersaa jedhamutti ajjeesuu jiraattonni naannichaa dhimma kana keessa beekan Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf addeessanii jiru.
Sababni maqaa fi bakki dhaloota isaanii adda baafamuun hin danda’amneefis, bakkoota adda addaa irraa uummata nagaa maqaa siyaasaan yakkanii walitti ukkaamsanii hidhuun cinatti namoota dhoksaan mana hidhaa irraa baasanii erga ajjeesanii booda eenyuun akka ta’e jiraattota dhoksuuf jecha reeffa kaasanii awwaaluu irraas hawaasa dhorkaa fi fuula namoota ajjeefamaniitti laastikii maruun fuula jijjiiraa jiraachuu jiraattonni dabaluun dubbatu.
Kana malees ergamtoonni koloneel Abiy Ahimed kunneen saamicha daangaa hin qabne hawaasa Oromoo irratti raawwachaa jiraniin aanichuma araddaa 40’ffaa jedhamu irraa loon hawaasaa baay’inaan 40 ol ta’an saamuun buufata mana barumsaa sadarkaa 2’ffaa magaalaa Machaaraatti galfatanii kaan qalatanii keessaa nyaachuun gariin ammoo gurguratanii faayidaa dhuunfaaf oolfachaa jiraachuu fi kanneen hafte immoo mooraadhuma mana barumsichaa keessatti walitti qabanii jiraachuu jiraattonni magaalichaa ONM’f ifoomsanii jiru.
Dabalataanis aanichuma keessaa magaalaa fi gandoota baadiyyaa adda addaa irraa namootni hedduun hojii idilee isaanii garaa garaa irraa maqaa hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu jedhuun hidhaatti darbatamanii hiraarfamaa jiraachuus jiraattonni magaalichaa fi naannawwaa ishee keessa beekan ONM’f ibsanii jiru.

