• Wed. Nov 25th, 2026

Arsii Bahaa Aanaa Shanan Kooluutti maqaa deggersa waraanaatiin saamichi hammaachuun dhaga’ame 

Jun 21, 2025

ONM-ABO Waxabajjii 21, 2025 

Godina Arsii Bahaa aanaa Shanan Kooluutti rakkoowwan waraana garboomfataa PP’n raawwatamaa jiru daran yaaddessaa akka ta’e jiraattonni kan himan yoo ta’u, maqaa tumsa waraanaa kan raayyaa ittisa impaayerattii jedhuun uummanni sodaachifamee qarshiin 1,500 harkaa guuramaa akka jiru ONM’tti himaniiru.

Harka qalleeyyii qarshii gaafataman kaffaluu dadhabanis waraanni sirnichaa reebaa, doorsisaa, hidhaa fi qabeenya mana keessaa meeshaalee nyaata ittiin bilcheeffatan dabalatee harkaa saamaa kan jiran oggaa ta’u, sababa kanaan jiraattonni cufti sodaa lubbuu isaaniif jecha hojii guyyaa maallaqa irraa argatan deemanii waan achii argataniin qarshii gaafataman kaffalaa akka jiranis dubbatu.

Saamichi shiftoonni faashistii PP bifa deggersaan afaan qawweetti dhimma bahuun uummata irraan ga’aa jiran daran egeree jiraattotaa irratti miidhaa adda addaa qaqqabsiisaa jiraachuu namootni rakkoon kun irra ga’aa jiru ni kaasu.

Leave a Reply