• Tue. Nov 24th, 2026

Lixa Wallaggaa Aanaa Qilxuu Kaarraa irraa milishaan sirnichaa tokko WBO’tti harka kennachuun dhaga’ame 

Jun 21, 2025

ONM-ABO Waxabajjii 21, 2025 

Waxabajjii 19, 2025 godina Lixa Wallaggaa aanaa Qilxuu Kaarraatti kan argamu mooraa waraanaa ganda Guyyoo Daallee irraa milishaan sirnichaa tokko qawwee dachaatuu 1 fi rasaasa 30 qabatee mooraa sirna cubbamaa Bilxiginnaa keessaa ganuun Waraanaa Bilisummaa Oromoo onicha keessa socho’utti harka kennachuu hooggansi WBO naannichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf himee jira.

Miseensi milishaa sirnichaa duraanii WBO’tti harka kennate kunis daba seenaa murni Bilxiginnaa saba Oromoo irratti raawwatee raawwachiisaa jiru hubatee mormuun keessaa akka gane dubbachuutti dabalee simannaa WBO’n taasiseefitti gammaduun yakka ergamtoonni murna PP dirqisiisuun hawaasa isaa irratti isa raawwachiisaa turaniif uummata Oromoo dhiifama gaafateera.

Dhuma irrattis fakkaattota isaa kanneen mooraa diinaa keessatti hafuun ergama jal’inaa diina irraa fudhatanii saba isaaniitti bobba’uun gochoota argaa fi dhageettiitti hin tolleen uummaticha dararaa oolaniin osoo yeroon jirtuu ifaan gara qabsoo saba keessaniitti deebi’aa jechuun ergaa Oromummaa dhaameefii jira.

Leave a Reply