• Fri. Mar 20th, 2026

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Waayyuu Tuqaatti maatii qabsaa’otaa fi sabboontota ilmaan Oromoo murni Bilxiginnaa jumlaan hidhaa jiraachuun barame 

Jun 22, 2025

ONM-ABO Waxabajjii 22, 2025 

Baha Wallaggaa aanaa Waayyuu Tuqaa irraa maatii qabsaa’otaa maqaa “ilmaan keessan miseensota waraana Bilisummaa Oromooti, galchuu diddan” maqaa jedhuun jiraattota hedduu maanguddoota umriin isaanii 80 olii dabalatee qabuun bulchiinsa magaalaa Guuteetti hidhanii hiraarsaa akka jiran addeeffameera.

Hidhamtoonni siyaasaa kanneen maqaan nu qaqqabe:

  1. Birraatuu Tamasgeen,
  2. Raggaatuu Iddoosaa,
  3. Alamii Taammiruu,
  4. Qajeelaa Sassaabaa,
  5. Daggafaa Hordofaa,
  6. Beekumaa Cawwaaqaa,
  7. Mangashaa Addunyaa,
  8. Darajjee Immiruu,
  9. Guutuu Milkeessaa, 
  10. Waakkennee Dheeressaa,
  11. Tasfaa Hambisaa,
  12. Naasiroo Eebbaa,
  13. Galataa Badhaasaa,
  14. Amanuu Taarikuu,
  15. Jaallataa Bal’inaa,
  16. Birraatuu Kabbadaa,
  17. Gammachuu Shaanqoo,
  18. Oliiqaa Moosisaa,
  19. Daadhii Nigaatuu,
  20. Addisuu Mokonnon fi 

kanneen biroo hedduu oggaa ta’an irra caalaan isaanii Waxabajjii 21, 2025 qe’ee isaanii irraa yoo ukkaamfaman gariin ammoo baatiileef hidhamanii akka jiranis ibsameera.

Hidhamtoota kanneen keessa maanguddoon umrii dullumaa keessa jiranis keessatti kan argaman oggaa ta’u:

  1. Aadde Raggaatuu Iddoosaa nama ganna 80 olii,
  2. Obbo Beekumaa Cawwaaqaa 70 ol
  3. Obbo Mangashaa Addunyaa fi 
  4. Obbo Darajjee Immiruus umriin isaanii 60 ol akka ta’e jiraattonni dubbisne ONM’f eeraniiru.

Tarkaanfiin Koloneel Abiy Ahimed inni guddaan humna waraanaa isaa cimsuun maatii qabsaa’otaa fi sabboontota ukkaamsuun hidhuu, ajjeesuu fi dararuu oggaa ta’u, sochii waraanaa babal’isuun ari’atamaa fi buqqaatii Oromoo fi saboota biroo irraan gahuuf kutannoon jeequmsa Oromiyaa keessatti guyyaa guyyaan raawwachaa jira.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading