ONM-ABO Waxabajjii 22, 2025
Ergamtoonni Bilxiginnaa ergama qaama isaanii olii irraa itti kenname ba’uu fi kaayyoo jala hiriiranii jiran adda basanii beekuu dadhabuudhaan qarshii muraasaan gowwomfamanii maqaa adda addaa hawaasatti moggaasuun dararaa ulfaataa qaqqabsiisaa jiru.
Aanaa Shanan Dhuuggoo araddaa Gabbis jedhamu keessatti lukkeeleen Bilxiginnaa irra keessaan nagaa fi jaalala faarsaa duubaan ammoo, summii rasaasaan waadaa kan jiran yoo ta’u, Waxabajjii 20, 2025 nama maqaan isaa Obbo Diinee Mahaammadra’uuf jedhamu halkan mana isaatii gadi baasuun sababa tokko malee erga reebanii booda, akka inni yaala hin arganneef dhorkanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Akka maddeen himanitti, namni kun hirmaannaa dhaaba siyaasaa kam keessaa kan hin qabnee fi badii tokko malee reebicha hamaa qaama laalessu irratti raawwatameen yeroo ammaa kana fayyummaan isaa haala yaaddessaa irra jiraachuu dubbatu.
Araddaa kana malees, aanicha guutummaa keessatti loltoonni impaayerattii yeroo hunda maqaa adda addaa itti maxxansuun hawaasa hojii idilee isaa irra jiru hiraarsuun waan fedhii isaanii irratti raawwataa jiraachuu gabaasni ONM’n qaqqabe ni ifoomsa.

