• Wed. Nov 25th, 2026

Baankii Gadaa keessatti malaammaltummaan hojjettoota irratti hammaachuu irraa kan ka’e hojjettoota baankichaa irra miidhaan gahaa jiraachuun himame

Jun 22, 2025

ONM-ABO Waxabajjii 22, 2025 

Dhaabbileen adda addaa ergamaanis ta’u mul’ataan maqaa dhaabbilee isaanii Afaan Oromoo fi kaayyoo Oromummaa bifa qabuun moggaasuun duubeen hojii isaanii immoo waan moggaasa maqaa dhaabbata sanaa ibsu faallaa hojjechuun miidhaa ulfaataa hawaasaa fi hojjetoota iratti qaqqabsiisaa jiru. 

Baankiin Gadaa hundeeffama isaa irraa eegalee hanga ammaatti hojjettoota isaa ija walqixaan ilaaluu dhabuun, qoqqooddaa gandaa fi firoomaan sadarkaa guddinaa kennuu fi jijjiirraa hojjettootaa irratti rakkoo hamaan hojjettoota irra gahaa jiru cimee jiraachuu hojjettoonni baankichaa dubbisne Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Akka hojjettoonni baankichaa himanitti, sababa malaammaltummaan baankii Gadaa keessatti garmalee baay’ateef akka itti hojjetan dhabuu himuun, hojjettoota gandaan qoqqooduun sadarkaa guddinaa kennaa waan jiraniif rakkoo hamaa argaa jiraachuu fi maqaan baankiichaa fi hojiin isaa waliif faallaa ta’uun maqaa Gadaa jedhu illee xureessaa akka jiran dubbatu.

Hojjettoonni baankichaa hedduun jijjiirraa kan argatan yoo firaa fi maallaqa guddaa qabaatan qofa kan argatan ta’uu fi gaaffii kamiinuu yoo humna namaa baankichaa gaafatan, humnoonni namaa sunis sababa itti barbaadanii maqaa isaan hin qabne itti maxxansuun yakkanii hojii irraa ari’aa fi doorsisaa  jiraachuun ibsamee jira.

Leave a Reply