• Sun. Nov 22nd, 2026

Pirezidaantiin US Ameerikaa Doonaald Tiraamp, Foordoow dabalatee, iddoowwan niwukilaraa ijoo sadii Iraan keessatti ‘haleeluu’ yoo himan, Iraan ofirraa ittisuuf filannoo hundaa qabaachuu himte

Jun 22, 2025

ONM-ABO Waxabajjii 22, 2025 

Prezidaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp Sanbata halkan humnoonni Ameerikaa Iraan keessatti iddoowwan niwukilaraa sadii rukuchuu himuun hojiin kun “milkaa’ina waraanaa ajaa’ibaa” jechuun, yoo Teehraan waliigaltee hin taasisne haleellaan dabalataa akka ajajamu akeekkachiisaniiru.

Tiraamp waltajjii hawaasummaa Truth Social isaanii irratti barreeffama kennaniin, “Iddoo niwukilaraa Iraan sadan irratti haleellaa keenya baayyee milkaa’aa ta’e xumurree jirra,” jedhan Tiraamp. Tiraamp “bakka jalqabaa, Foordaatti boombii guutuun darbatame” akka jedhanitti, xiyyaaronni Ameerikaa hundi naannoo qilleensaa Iraan keessa turuun yeroo muraasa booda gara buufata isaaniitti deebi’uu isaanii himan.

Opireeshinii kana “yeroo seena qabeessa Ameerikaa, Israa’elii fi addunyaaf” jedheera.

Haleellaa kana keessatti B-2 stealth Istiilz boombers akka fayyadaman qondaaltonni Ameerikaa Al Arabiya English’f mirkaneessaniiru. Jalqaba guyyaa kanaa B-2n hedduun buufata humna qilleensaa Whiteman Waayitmaan Misooyuri  ka’anii gara dhihaatti Paasfik irraan balali’an.

“Iraanitti dhaabbileen ijoon niwukilarii badhaadhina dhaabbileen guutummaatti dhabamsiifamaniiru,” jechuun Tiraamp kaleessa galgala yaada televijiiniin dubbatan irratti himan.

Tiraamp “xiyyeeffannoon baay’een akka hafe” akeekkachiisuun nagaan yoo dafee hin dhufne, “bakkoota xiyyeeffannoo biroo sana duukaa bu’a, saffisa fi ogummaadhaan, irra caalaan isaanii daqiiqaa muraasa keessatti ba’uun ni danda’ama.

“Iiraan, amma nagaa buusuu qabdi. Yoo hin taane, haleellaan gara fuula duraa baay’ee guddaa fi baay’ee salphaa ta’a.”

Leave a Reply