ONM-ABO Waxabajjii 22, 2025
Qaama isaanii olii gammachiisuu fi garaa isaanii guuttachuu qofaaf jecha, daba seeraa fi seenaa uummata Oromoo irratti dalagaa kan oolan hidhattootni murna Bilxiginnaa sadarkaa olii hanga gadiitti jiran, walii isaaniiif illee naasuu tokko dhabuun, hojii irraa wal ari’uu fi gara jabeenya hamaan ajjeechaa fi madoo wal irratti raawwachaa jiru.
Kaleessa Waxabajjii 20, 2025 aanaa Harxummaa Fursee ganda Maaddaraatti milishoonni sirnichaa WBO’tu nutti dhufa jechuun eegumsa naannoo bakka addaa Baddeessaa jedhamutti ba’anii turan, waaree booda toora sa’a 9:00’tti sobanii WBO’tu dhufe asiin seene jechuun milishaan maqaan isaa Mahammad Ahimed Adam jedhamu dhukaasa milishoota sirnichaa irratti baneen nama maqaan isaa Hasan Ahimed Hasan jedhamu milishaa ganda Maaddaraa kan ta’e rasaasaan rukutuu maddeen keessoo PP ONM’tti himan.
Akka odeessi mooraa murna Bilxiginnaa keessaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaa qaqqabe ibsutti, milishoonni sirnichaa kun armaan duras sadoo dhuunfaa isaanii irratti wal dhabuun wal gaarreffannaa hamaan akkuma walii gala milishoota eegumsaaf naannichatti ba’aniitti jiraachaa akka ture kaasuun, yeroo walii isaaniitti dhukaasan kanattis WBO’tu akka tasaa nutti dhufe seenee isinitti dhukaasne waliin jechuun waakkachaa turuu fi milishaan murna PP milishootuma isaaniin madaa’e kun yeroo ammaa mana yaalaatti du’aa fi jireenya gidduutti kan argamu ta’uus dabaluun dubbatu.
Koloneel Abiy Ahimed loltoota isaa naamumsa waraanummaa hin qabne, kan saayinsii waraanummaan hin cuubamnee fi eessatti akka dhukaasanii fi eenyutti akka dhukaasan illee adda baasanii hin beekne, kaayyo maleeyyii fi seera-dhableeyyii isaa heddumminaan bobbaasee WBO balleessina jedhee ittiin dhaadatus, WBO balleessuun hafee, walii isaaniifuu walii galtee dhabuun guyyuu wal ajjeesuu fi madeessuu cimsanii itti fufaniiru.


