• Fri. Mar 13th, 2026

Kaaba Shaggar Aanaa Dharraa irraa tiksitoonni impaayerattii 4 mooraa diinaa ganuun WBO naannicha keessa socho’utti harka kennachuun ibsame 

Jun 22, 2025

ONM-ABO Waxabajjii 22, 2025 

Miseensonni raayyaa ittisa impaayerattii baay’inni isaanii 4 ta’an kanneen sabaan Oromoo ta’an, Waxabajjii 20, 2025 godina Kaaba Shaggar aanaa Dharraatti kan argamu mooraa tiksitoota sirnichaa keessaa ganuun: 

  • qawwee AKM 4, 
  • rasaasaa fi 
  • hidhannoo guutuu waliin

Waraana Bilisummaa Oromoo onicha keessa socho’utti harka kennachuu hooggansi WBO bakkichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf ifoomseera.

Miseensonni raayyaa ittisa impaayerattii duraanii WBO’tti harka kennatan kunneenis yakka namoomaa fi gadoo seenaan hin daganne kan jaleewwan murna Bilxiginnaan ilmaan Oromoo irratti raawwachaa jiru ilaaluu dadhabanii mormuun dabaa fi hammeenya sirnichaas hubatanii keessaa ganuu dubbatu. 

Itti dabaluunis simannaa hoo’aa gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo taasiseefitti baay’isanii gammaduun gocha gara jabinaa fi aggaammii duguuggaa sanyii leellistoonni impaayera Itiyoophiyaa saba isaanii irratti raawwachiisaa turaniif uummata Oromoo dhiifama gaafataniiru. 

Xumura irrattis hiriyoota isaanii kanneen mooraa dabaa fi hammeenyaan guutame keessatti hafanii harqoota diinaa baachuun diinaaf meeshaa ta’anii saba isaanii irratti gocha suukkaneessaa raawwachaa jiraniin eenyuun akka taatanii fi eessa akka jirtan akkasumas eenyuun baraaruuf jecha eenyuun akka ajjeesaa jirtan of baraatii yeroon gara saba keessaniitti deebi’uun WBO faana Oromiyaa haa bilisoomsinu jechuun dhaamsa Oromummaa dhaamaniifii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading