• Fri. Mar 13th, 2026

Naannoo Beenishaangul Gumuz bulchiinsa magaalaa Asoosaa fi naannawaa isheetti ilmaan Oromoo ilaalcha sanyummaatiin hiraarfamaa jiraachuu dubbatu

Jun 22, 2025

ONM-ABO Waxabajjii 22, 2025 

Naannoo Beenishaangul Gumuz bulchiinsa magaalaa Asoosaa fi naannawaa ishee keessaa murni Bilxiginnaa ilmaan Oromoo sababoota adda addaan Oromiyaa keessaa baqatanii gara sana deemuun jiraatan hedduu bakkeewwan hojii warqee baasuu, hojii humnaa hojjetan, waajjiraalee mootummaa, mannen barnootaa Yuunivarsiitii, kolleejjiiwan adda addaa fi daandii gubbaa akkasumas bakka manneen kireeffatanii ukkaamsuun hidhaatti guuraa akka jiran jiraattonni himaniiru.

Akka jiraattotni jedhanitti, irra jireessaan namoonni ukkaamfaman dargaggoota ta’uu himuun, namootni kunneen maqaa “hojiiwwan loojistikii WBO’f hojjjettu, meeshaalee adda addaa as-keessaa bituun dhiyeessituu fi yeroo waraanni keenya as irraa gara naannoo Oromiyaatti imalu hordofuun eeruu laachaa jirtu kan jedhuun yoo ta’u, haalli sarbamiinsa mirga namoomaa guutummaatti naannichaa keessatti adeemaa jirus daran yaaddessaa ta’uu dubbatu.

Ilaalchi sanyummaa kan murna Bilxiginnaa adda taasisu tokko sabaa fi sab-lammoota jiran cufa keessaa Oromoo addatti fo’uun amantii, duudhaa, safuu, eenyummaa, hawaasummaa fi kanneen biroon qooduun bakkeewwan cufatti jumlaan ukkaamsuun hidhuu, akka bineensaatti ajjeesuu, dirqiin mooraa waraanaatti galchuun gidirsuu fi dhabamsiisuun maatii ala ilaalchisaa hambisuudha.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading