• Fri. Jan 2nd, 2026

Lixa Wallaggaa Aanaa Begii keessatti hidhattoonni impaayerattii namoota nagaa manaa fuudhanii ajjeesuun dhaga’ame 

Jun 23, 2025

ONM-ABO Waxabajjii 23, 2025 

Godina Lixa Wallaggaa aanaa Begii ganda Lalistuu Lophii bakka addaa Shuuraa jedhamutti Waxabajjii 21, 2025 tiksitoonni sirna nam-tokkee qofa aangoo irratti eeguuf daba seenaa saba guddicha gaanfa Afrikaa uummata Oromoo irratti raawwachuuf bobbaafaman namoota nagaa irratti ajjechaa gara jabinaa raawwachuu Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa odeeffateera.

Namoonni balleessaa isaanii malee yakki ajjeechaa irratti raawwatame kunneen maqaan isaanii:

  1. Suleemaan Kumarraa,
  2. Raamatallaa Abdullaahii fi
  3. Tashoomaa Buraayyuu 

kanneen jedhaman yoo ta’an, gara jabeeyyiin ergamtoota sirnichaa namoota kanneen yakka tokko malee mana isaaniitii qabuun rasaasaan waadanii ajjeesuu maddeen ONM’f ibsan.

Akka maddeen naannichaa ONM’f ibsanitti namoonni kunneen hojii idilee isaanii irratti bobba’anii maatii isaanii jiraachifachuun alatti hariiroo qaama siyaasaa kamiyyuu waliin akka hin qabne kan himan yommuu ta’u, jaleewwan ergama abbaa irree irraa fudhatan galmaan gahuuf ifaajan ammoo akka waan waraanni bilisummaa Oromoo mana nama dhuunfaatti galuutti WBO’tu mana keessan taa’ee nu haleela ittiin jedhanii tarkaanfii ajjeechaa irratti raawwachuu gabaasu.

Naamusni waraanummaa kan irraa hin calaqqisne hidhattoonni sirnichaa uummata nagaa ukkaamsanii hidhuu fi ajjeesuu malee qoratanii dhugaa mirkaneessuu kan hin beekne shiftoonni impaayerattii kunneen hawaasa Oromoo bakkuma argametti yakka hiisisuu fi ajjeesisu osoo hin qabaatin tarkaanfii ajjeechaa jumlaan irratti raawwachuu hammeessanii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading