• Mon. Jan 12th, 2026

Godina Walloo Aanaa Harxummaa Furseetti Finxaaleeyyiin Amaaraa Faannoon dhukaasa uummata nagaa irratti banuun nama tokko madeessanii, loon karra 7 ooffachuun 10 ol ajjeesuun dhaga’ame 

Jun 24, 2025

ONM-ABO Waxabajjii 24, 2025 

Waxabajjii 22, 2025 aanaa Harxummaa Fursee bakka Randooyyee jedhamutti dhukaasa hidhattootni Finxaaleeyyii Amaaraa Faannoon hawaasa nagaa irratti bananiin namni yeroof maqaan isaa adda hin baafamin tokko madaa’uun hospitaala bulchiinsa magaalaa Kamiseetti yaalamaa jiraachuun ibsame.

Kana malees ganda Diimtuu fi Coqorsoo keessaa loon karra 7  baay’inni isaanii hedduu ta’e jalaa ooffatanii kan deeman yoo ta’u, kanneen deemuuf rakkisan ammoo 10 olitti rasaasa itti dhukaasuun ajjeesuu jiraattonni ONM’tti himaniiru.

Hawaasni loowwan jalaa saamamee fi ajjeefaman ganda Funyaan Sullee irraa:

  1. Mahaammad Muusaa Ahimed,
  2. Hasan Maammee fi
  3. Alikkoo yoo ta’u;

ganda Randooyyee irraa ammoo:

  1. Huseen Aliyyuu,
  2. Ibraahim Aliyyuu,
  3. Baqqalee fi
  4. Muusaa Abdurramaan 

namoota jedhaman ta’uu Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa jiraattota naannichaa irraa odeeffateera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading