• Tue. Nov 24th, 2026

Doonaald Tiraamp baasii ittisaa dabaluun yaaddoo uumanii turanis michoota NATO isin waliin jirra jechuun tasgabbeesse

Jun 26, 2025

ONM-ABO Waxabajjii 26, 2025 

Hooggantoonni NATO Wiixata kaleessaa walgahii gabaabaa yeroo gabaabaaf prezidaantii Ameerikaa Doonaald Tiraampiin qophaa’e irratti baasii ittisaa guddaa ta’e l galmaan ga’uuf dubbatan irratti, miseensota gamtaa kanaa eeguuf waadaa galan mirkaneessuun  tasgabbeessaniiru.

Walgahiin kun galma baasii ittisaa olaanaa GDP dhibbeentaa 5 ni raggaasisa jedhamee eegama. Gaaffii Tiraampii dhiyeessan fi sodaa Awurooppaan weerara Yukireen bara 2022 booda nageenya isaaniif balaa guddaa fiddi jedhuuf deebii kenne.

Barreessaan olaanaa NATO Mark Ruutee biyyoonni Awurooppaa fi Kanaadaan maallaqa dabalataa argachuun salphaa akka hin taane ni beekama garuu akkas gochuun murteessaa ta’uu ibsaniiru.

“Haala nageenya idil-addunyaa ilaalcha keessa galchuun, balaa kana yoo ilaalle, filannoo biraa hin jiru,” jechuun, “michoota koo waliin  murtii guutuun jira,” jechuun ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin dubbataniiru.

Tiraamp osoo hin banamin miidiyaaf haasawa taasisaniin, akkaataa keewwata 5 chaartara NATO’n kaa’ameetti, michoota gidduutti ittisa waliiniif waadaa galan irratti yaaddoo qaban xiqqeessanii, “Karaa hundaan isaan waliin jirra” jechuun yaaddoo Awurooppaanotni qofummaa keessa galuu fi sodaa qaama waliin weerara qolatanii horatan xiqqeessaniiru.

Leave a Reply