ONM-ABO Waxabajjii 26, 2025
Kibxata darbe Waxabajjii 24, 2025 aanaa Harxummaa Fursee Qorii ganda Hawaatti milishoonni sirnichaa maqaa sakkattaa WBO da’eeffachuun bobbaafaman badii tokko malee abbootii warraa 6 qabanii garmalee reebuun hidhaatti darbataniiru.
Qonnaan bultootaa fi abbootii warraa kan ta’an namoonni Waxabajjii 24, 2025 qabamuun hidhamanii jiru. Namoonni qabamuun hidhaman kunneen maqaan isaanii ganda Hawaa irraa obboloota lamaan:
- Umarisee Heeydarii fi
- Yahayaa Heeydar,
- Usmaan Handalee,
Ganda Waaccootaa irraa:
- Aliyyi Shaambal,
- Umar Mahaammad fi
- nama tokko kan maqaan isaa nu hin ga’in ta’uu jiraattotni onichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Qonnaan bultoonni milishoota murna Bilxiginnaan akka nama yakka dalageetti garmalee reebamuun manaa fi ooyiruu isaanii irraa” maqaa deggartoota WBO’ti” jedhuun hidhaman kunneen ilmaan isaanii guddifachuuf jiruu fi jireenya isaanii mo’achuuf tattaafachuu malee deggaraa paartii dhaaba kamiituu akka hin taane himuun, inumaayyuu baatiilee 4 oliif hidhattoota sirnichaan dirqisiifamuun maqaa” WBO’n akka qe’ee kana nutti hin seenneef naannoo keessan hawaasni ofii eeggattu” jedhuun dirqamaan eegumsa naannoo baasanii eegsisaa akka turan odeessi jiraattota Qori Fursee irraa ONM dhaqqabe ni ifoomsa.

