• Wed. Nov 25th, 2026

Goolessitoonni murna PP Lixa Wallaggaa Aanaa Gimbii keessatti maqaa marii Paartii jedhuun uummata jiruu isaa irraa dhorkuu fi doorsisa addaa addaa irraan ga’aa jiraachuun barame

Jun 26, 2025

ONM-ABO Waxabajjii 25, 2025 

Ilmaan Oromoo biyya isaa irratti hiraarsuun hojii idilee isaa kan ta’e murni Bilxiginnaa kaabinootaa fi jaleewwan isaa meeshaa waraanaa hidhachiisuun uummatatti duulchisaa jiruun Lixa Wallaggaa aanaa Gimbii ganda Waddeessa Waraqaa keessatti maqaa marii Paartii jedhuun wanta isaan hin ilaallanne dirqiin fudhachiisuuf jecha uummata walga’ii baasuun jiruu isaa irraa ugguraa jiraachuu jiraattonni ONM’tti himan.

Jiruu fi jireenya isaa akka hin geggeeffanneef maqaalee garaa garaa guyyaa guyyaatti uummatatti baasuun danqaa jireenya ilma namaa ta’ee kan jiru bulchiinsi maqaa Oromummaan daldaluun barcuma aangoo impaayerattii qabatee jiru kun irra deddeebiidhaan dararaa irratti geggeessaa jiraachuus kan himan jiraattonni gandichaa karoorri  guyyuu sirnichi baafatu harkaa bittinnaa’aa waan ooluuf sababoota hin beekamneen saba Oromoo dararaa jiras jedhu.

Bifa namaa uffatanii gocha farra namummaa saba nagaa irratti geggeessaa kan oolan ergamtoonni sirna nama nyaataa PP yeroo irraa gara yerootti guutuu Oromiyaa keessatti labsii duguuggaa sanyii Koloneel Abiy Ahimed ilmaan Oromoo irratti labse dhugoomsuuf jecha hidhaa, ajjeechaa suukkanneessaa, hawwaanii fi shamarran irratti dirqiin gudeeddii geggeessuu fi saamichaan saba nagaa mankaraarsuu jabeessanii itti fufanii jiru.

Leave a Reply