• Tue. Jan 13th, 2026

Israa’el sagantaa niwukilaraa Iraan ‘Waggootaaf’ duubatti deebisuu ishee qondaalli waraanaa ishee ibse

Jun 26, 2025

ONM-ABO Waxabajjii 25, 2025 

Hoogganaan waraana Israa’el Kibxata kaleessaa akka jedhetti, biyyattiin sagantaa niwukilaraa Iraan “waggootaaf” guyyoota 12 haleellaa geggeessiteen  duubatti deebisuu himuun, duula biyyattii irratti geggeeffamu amma “marsaa haaraa keessa seena” jedheera.

“Marsaa guddaa xumurree jirra, garuu duulli Iraan irratti godhame hin xumuramne. Bu’aa ba’ii isa ammaa irratti hundaa’uun marsaa haaraa seennee jirra,” jechuun hogganaan hojjettootaa Eyal Zamir ibsa kennaniin dubbatan.

“Pirojektii niwukilaraa Iraan waggootaaf duubatti deebisnee jirra, sagantaa misaa’elaa isaaniifis kanuma.”

Zamir akka jedhetti, xiyyeeffannaan waraanaa gara Gaazaatti deebi’ee booji’amtoota Israa’el deebisee fiduu fi “bulchiinsa Hamaas balleessuu” akka ta’e dubbateera.

Waraanni Israa’el Kibxata akka jedhetti, waldhabdee kanaan bakka uummanni itti walga’u, bakka hojii fi barnoota irraa dhorkaa kaasuu ibseera.

“Madaallii haalaa fi hayyama Ministira Ittisaa, Israa’el Katz hordofuun, hanga kaleessaatti naannoleen biyyattii hundi daangaa malee gara sochii guutuutti akka ce’an murtaa’eera,” jechuun waraanni ibsa baasee beeksisuun, qajeelfamni kun hanga Kamisa galgalaatti hojiirra akka oolu ibseera jechuun miidiyaaleen gabaasaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading