ONM-ABO Waxabajjii 27, 2025
Sirnoonni abbaa irree yeroo baayyee sochii uummataa ukkaamsaa, to’annoo, filannoo haqaa fi yaada sirrii mormuu, humna fayyadamuu, karaa seeraawaa mormiin itti mul’atu daangessuu ykn seera qabeessummaa sochii sanaa laaffisuun daangeffama kennuudhaan ykn keessatti qoqqoodiinsa uumuun burjaajii kan taasisan oggaa ta’u, sochiin uummataas impaayerattii keessatti daangeffamuun, godina Baha Shaggar aanaa Dugdaatti murni Bilxiginnaa uummata baadiyyaa fi magaalaa wal-keessa akka hin sochoone ittisaa jiraachuu dubbatu.
Haaluma kanaan Waxabajii 25, 2025 godina Baha Shaggar aanaa Dugdaa daandiiwwan lama kaneen gandoota baadiyyaa 5 ol wal-quunnamsiisu uummata gandoota akka:
- Waldaa Qal’inaa,
- Baqalee Girrisaa,
- Waldaa Maqdallaa,
- Shuubii Gamoo,
- Dararaa Daalachaa fi
kanneen biroo seensa magaalotaa irra goruun akka magaalaa hin seenne dhorkaa akka jiran jiraattonni ONM’f ifoomsaniiru.
Bilxiginnaan mormii hambisuuf jecha hooggantoota mormitootaa dhabamsiisuuf yeroo baay’ee jeequmsa, hidhaa fi ajjeechaa raawwachuun cinattis odeessa waraana Bilisummaa Oromoof kennitu maqaa jedhuunis uummatni baadiyyaa irraa gara magaalaatti akkasumas magaalaa irraa gara baadiyyaatti akka hin sochooneef ugguraa kan jiru oggaa ta’u, rakkoowwan namoomaa hammaataanis maqaa WBO deggertuun jiraattota irra ga’aa akka jirus kan beekamuudha.

