• Thu. Jul 23rd, 2026

Baha Wallaggaa Aanaa Kiiramuutti hidhaa fi gubaatiin manneen uummataa murna PP’n jabaatee jiraachuun barame

Jun 27, 2025

ONM-ABO Waxabajjii 27, 2025 

Ergamtoonni sirna abbaa irree Bilxiginnaa koloneel Abiy Ahimediin aangoo irratti tiksuuf uummata Oromoo mankaraarsaa oolan aanaa Kiiramuu ganda Sooromaa keessatti manneen uummataa 7 ibidda itti shiduun qabeenya keessa jiru cufa waliin gubanii akka barbadeessanii fi namoota nagaa hidhaatti gidirsaa jiraachuun ifoome.

Namoota manni isaanii jalaa gubate keessaa kanneen maqaan nu qaqqabe:

  1. Obbo Huseenii fi 
  2. Obbo Ayyaanaa kanneen jedhaman oggaa ta’an, 

kanneen reebamuun hidhaman keessaa kan maqaa arganne: 

  1. Ittaanaa Abarraa Dassaalee kan jedhamu dabalatee 

namoonni hedduun harka waraana PP’tti dararamaa jiraachuu maddeen ifoomsaniiru.

Lubbuu fi qabeenya ilmaan Oromoo yakka tokko malee soora ibiddaa taasisaa kan jiran jaleewwan sirna PP dantaa murna tokkoo tiksuuf jecha uummata guddaa gaanfa Afirikaa saba Oromoo irratti duguuggaa sanyii geggeessaa jiraachuun kan beekamuudha.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading