• Sun. Mar 15th, 2026

Godina Baha Shaggar Aanaa Dugdaatti waraanni Bilxiginnaa dargaggoo tokko ajjeesuun dhaga’ame

Jun 27, 2025

ONM-ABO Waxabajjii 27, 2025 

Daddaaqamiinsa siyaasaa hamaa isaan mudate keessaa bahuuf jecha ajjeechaa lubbuu ilmaan Oromoo irratti xiyyeeffate guyyaa guyyaan raawwachaa kan jiru murni faashistii PP maqaa hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu jedhuun dargaggoota Oromoo guyyuu lubbuu obbaasaa oola.

Haaluma kanaanis Waxabajii 25, 2025 godina Baha Shaggar aanaa Dugdaa ganda Waldaa Maqdallaa jedhamu keessatti waraanni faashistii PP dargaggoo maqaan isaa Tolaa Guutaa jedhamu badii tokko malee mana maatii isaatii gara ollaa osoo deemuu rasaasa itti roobsuun ajjeesanii gatuu ONM odeeffateera.

Akka jiraattonni kun jedhanitti dargaggoon kun tuttuqqaa siyaasaa kamuu keessatti kan hin argamnee fi hawaasa keessa jiraatu waliin nama jaalala guddaa qabu, hojii dhuunfaa isaa irratti bobba’uun kan jiraatu yoo ta’u, gocha lubbuu isaa baasisu kan hin qabne adeemsa seeraa tokko malees lubbuu ol-adeemaa kanaa akka baasanis itti dabaluun himaniiru.

Gochaawwan akka saamichaa, hidhaa, gubaatiin manneenii fi ajjeechaan keessatti raawwatamaa kan jiru aanaan Dugdaatti uummanni jireenya gadadoo keessatti kufee halkanii fi guyyaa dhiphinaan jiraachaa akka jirus dabaluun himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading