• Sat. Jan 10th, 2026

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Laaloo Assaabii keessatti ajjeechaa suukkanneessaan waraana faashistii PP’n hawaasa nagaa irratti raawwatu akkaan cimee itti fufe 

Jun 27, 2025

ONM-ABO Waxabajjii 27, 2025 

Ergamtoonni Bilxiginnaa kanneen teessoo siyaasaa nam-tokkee tiksuuf jecha yeroo adda addaatti goleewwan Oromiyaa cufatti bobba’aa jiran, uummata Oromoo qe’ee fi qabeenya isaa irratti hadheeffachuun sarbamiinsa mirga namoomaa irratti raawwachaa jiru.

Lixa Wallaggaa aanaa Laaloo Assaabii ganda Taasiyoo Molee jedhamu irraa Waxabajjii 21, 2025 gara jabeeyyiin loltoota Bilxiginnaa jiraataa maqaan isaa Bashaa Mangashaa jedhamu badii tokko malee ganama barii toora sa’a 1:00’tti balbala mana isaatti rasaasa itti roobsuun ajjeesanii deemuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Akka maddeen himanitti, namni kun deggeraa siyaasa dhaaba kamiiyyuu kan hin taanee fi abbaa daa’ima tokkoo yoo ta’u, maqaa “obboleessa keetu miseensa WBO’ti” jedhuun yakkamee kan ajjeefame ta’uu Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading