• Wed. Jan 14th, 2026

Kibba Lixa Shaggar Aanaa Sooddoo Daacciitti murni Bilxiginnaa tajaajila ibsaa hawaasa irraa kutuun dhaga’ame 

Jun 27, 2025

ONM-ABO Waxabajjii 27, 2025 

Godina Kibba Lixa Shaggar aanaa Sooddoo Daaccii magaalaa Tarree jedhamtu keessatti gareen faashistii PP iddoo tajaajila hawaasaa guutee gaaaffii uummataa deebisu faallaa isaa uummata magaalichaa irraa sarara ibsaa ciranii balleessuun yeroo ammaa uummatni dukkana keessa jiraachuu fi tajaajila dhalli namaa ibsaa irraa argachuu qabu dhabanii rakkoo keessa jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf addeessanii jiru.

Akka jiraattonni magaalichaa hanqina tajaajila ibsaatiin dararamaa jiran yaada isaanii ONM’f ibsanitti uummatni magaalicha keessaa % 50 kan ta’an tajaajila ibsaa dhabanii waan jiruu isaaniif ibsaa fayyadamuun guuttatan osoo hin arganne rakkachaa jiraachuu dubbatu. 

Kana malees naannichatti ergamtoonni Bilxiginnaa kunneen maqaa bu’uuraalee misoomaa uummataaf guutuu jedhuun yeroo garaa garaatti uummaticha saamaa kan jiran oggaa ta’u, akka waan tajaajila hawaasummaa uummataaf guutanii argamaniitti tajaajiloota xixiqqoo hawaasichi humna isaan hundeeffateyyuu jalaa balleessuun dararaa jiru.

Abiy Ahimed bakka bu’oota hawaasaa masaraatti walitti qabee waa’ee guddina isaanii bara 2024 yeroo ibsu, humna ibsaa irraa hafaa akka maddisiisanii fi qamadiis akka kana akka godhan dubbatee turus, waanti mul’atu garuu Finfinnee jalatti jirattootni Buraayyuu ibsaa dhabanii rakkachaa jiraachuu miidiyaan dubbataa turan.

Murni Bilxiginnaa kan dantaan lammiilee impaayerattii itti hin mul’annee fi  barcuma aangoo isaa dheereffachuu qofaaf kan ifaaju yommuu ta’u, waggoota muraasaa asitti immoo sababa kufaatii siyaasaa fi dinagdee impaayerattii mudateen hordofee akkuma guutummaa impaayerattiitti tajaajila hawaasummaa lammiileen biyya tokkoo qaama biyyan bulcha ofiin jedhu irraa argachuu qaban dhabuun jiraachuun ni beekama.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading