• Mon. May 4th, 2026

Godina Baalee Lixaa Aanaa Diinshoo keessatti waraanni murna Bilxiginnaa maqaa sakattaa WBO’n bobba’an walii isaanii haleeluun miidhaa jabaa wal irraan ga’uun dhaga’ame

Jun 28, 2025

ONM-ABO Waxabajjii 28, 2025 

Ergamtoonni sirna garboomfataa PP Waxabajjii 25, 2025 aanaa Diinshoo magaalaa Diinshoo irraa maqaa sakattaan bobba’uun halkan toora sa’a 4:30’tti WBO’tu nutti dhufe maqaa jedhuun walii isaanii irratti qarqara magaalaa Diinshoo Paarkii Biyyaalessa Diinshoo cinatti dhukaasa walitti banuun miidhaa jabaa wal irraan ga’anii jiraachuu maddeen ONM’f eeran.

Yeroo ammaa kanas kanneen du’an awwaallachuun madoo isaanii fi kanneen kufanii caccaban Hospitaala magaalaa Roobeetti akka yaalamaa jiranii fi sababa kanaanis walitti bu’iinsi guddaan gidduu isaaniitti uumamuun burjaajii hamaa keessa wal galchanii jiraachuu odeessi keessoo isaanii ONM’n qaqqabe ni addeessa.

Guyyaa irraa gara guyyaatti lubbuu walii obbaasaa kan oolan loltoonni Bilxiginnaa shakkii hariiroo WBO qabdaa fi hojiilee diinummaa mooraa keenya keessa taa’uun hojjetta kan jedhu akkasumas bobbaa irratti hubannoo dhabuun haleellaa wal irratti taasisuun lubbuu walii galaafachaa akka jiranis gabaasni ONM yeroo yeroon isiniif dhiyeessaa jiru nii mul’isa.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading