ONM-ABO Waxabajjii 28, 2025
Godina Lixa Wallaggaa aanaa Noolee Kaabbaa keessatti jiraattota ganda Qocee kan ta’an obboloota lama kanneen maqaan isaanii:
- Ittaanaa Sirneessaa fi
- Galataa Sirneessaa
jedhaman baatii tokko dura yakka isaan hiisisu osoo hin dalagin ergamtoota sirnichaan to’atamanii hanga yeroo gabaasni kun qindaa’eettis waajjira poolisii aanichaatti hidhamanii hiraarfamaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Akka maddeen naannichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranitti namootni kunneen balleessaa tokkollee kan hin qabnee fi hawaasa isaanii keessatti hojiiwwan gaggaarii hojjechuun kan beekamanii fi gochi gara siyaasaatti isaan geessu kan harkatti hin argamne yommuu ta’u, jaleewwan sirnichaa duula Oromoo fi Oromummaa mancaasuu qabatanii bobbaafaman ammoo sababa Oromoo ta’uu isaanii qofaaf yakkuun gaaffii seeraa fi badii malee hidhaatti darbatanii dararuu dubbatu.
Dabalataanis aanichuma keessatti jiraattuu ganda Siibaa Badhoosii kan ta’an harmeen maqaan isaanii Aadde Abbabuu Jaallataa jedhaman maanguddoon ganna 65, baatii 8 dura mana isaaniitii ukkaamfamuun hanga guyyaa gabaasni kun qindaa’eetti mana hidhaatti darbatamanii gidirfamaa jiraachuun dhaga’ameera.
Akka odeessi gamasii ONM’n qaqqabe ifoomsutti maanguddoon kun yakka raawwatan kan hin qabnee fi maqaa siyaasaa isaan hin ibsine akkasumas umurii isaanii waliin wal hin fakkaanne itti maxxansuun qormaatni ulfaataan irra gahaa jiraachuun addeeffameera.


