• Sat. May 2nd, 2026

Kaaba Shaggar aanaa Warra Jaarsoo keessatti murni PP maatii qabsaa’otaa hidhuu fi dararuu cimsanii itti fufan

Jun 28, 2025

ONM-ABO Waxabajjii 28, 2025 

Sirna dhableeyyiin murna PP jiruun idilee isaanii uummata nagaa gooluu ta’e, Kaaba Shaggar aanaa Warra-Jaarsoo ganda Qongoroo Luxuu jedhamtu keessatti Waxabajjii 25, 2025 namoota nagaan mana isaanii jiraatan maqaa ilmaan keessantu qabsoo bilisummaa Oromoo keessa jira jedhuun jumlaan qabanii hidhaatti darbatanii jiraachuu maddeen gabaasan.

Namoota qabamuun hiraarfamaa jiran keessaa kanneen maqaa arganne:

  1. Suuyyumee Boggaalaa,
  2. Baalchaa Mokonnoon,
  3. Kabbee Gonfaa,
  4. Dajjaa Abbee,
  5. Dhiitessaa Asaffaa,
  6. Misgee Katamaa,
  7. Mitikkee Birruu,
  8. Abaaboo Hirkoo,
  9. Shaashituu Girmaa,
  10. Birrii Abbabuu,
  11. Asaallafee Asinaaqaa,
  12. Mul’ataa Jorroo fi
  13. Agarii Tufaa

kanneen jedhaman oggaa ta’an, namoota kanneen keessa daa’imman ganna 13 fi maanguddoonni keessatti akka argaman dabaluun addeessaniiru.

Dararaaan ergamtoota sirnichaan geggeefamu cimee itti fufuun aanichuma ganda Jamjam jedhamu keessatti Waxabajjii 26, 2025 nama maqaan isaa Baalchaa Botee Boggaalee jedhamu yakka tokko malee qabuun hidhanii akka jiranis beekameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading