• Tue. Apr 28th, 2026

Baha Wallaggaa Aanaa Giddaa Ayyaanaatti murni Bilxiginnaa maatii qabsaa’otaa dararaa jiraachuuun beekame 

Jun 28, 2025

ONM-ABO Waxabajjii 28, 2025 

Godina Baha Wallaggaa aanaa Giddaa Ayyaanaa magaalaa Angar-Guutee keessaa “mucaa keetu suuraa obbbolessa isaa kan miseensa WBO ta’e miidiyaa hawaasaa irratti maxxanse” jechuun jaleewwan Bilxiginnaa maatii qabsaa’aa tokko nama maqaan isaa Obbo Naasir Afqaadir jedhamu sodaachisaa fi doorsisa garaa garaa irratti raawwachaa jiraachuun ibsame. 

Obbo Naasir abbaa ilmaan 5 yoo ta’u,  armaan duras irra deddeebiin hidhamaa kan turee fi reebicha mana hidhaa keessatti irratti raawwatama tureenis qaama miidhamaa ta’uun jiruu fi jireenya isaa geggeeffachuu dadhabee erga manatti galee taa’ee waggaa 3 lakkoofsisee jira jedhuunis jiraattonni ONM’f ifoomsaniiru.

Rakkoo murni Bilxiginnaa irraan ga’aa turee fi jiruun maatiin isaa jireenya gadadoof saaxilamaa kan jiran oggaa ta’u, haalli namoomaa impaayerattii keessatti geggeeffamaa jiru daran yaaddessaa ta’uu hordofees maatiin qabsaa’otaa bahaa fi galli isaanii jibbisiisaa ta’ee akka jirus itti dabaluun himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading