ONM-ABO Waxabajjii 28, 2025
Ruwaandaa fi Rippabilikni Dimookiraatawaa Koongoo Jimaata kaleessa waliigaltee nagaa Ameerikaan durfame mallatteessuun, bara kana hanga ammaatti dhibde namoota kumaatamaan lakkaaaman ajjeesee kuma dhibbaan lakkaaaman buqqise kanaaf abdii nagaa kaaaniiru.
Waliigaltichi marii bulchiinsi prezidaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp, kan invastimantii warra dhihaa doolaara biliyoonaan lakkaaamu naannoo Tantalum, warqee, koobaalt, sibiila diimaa, litiyeem fi kannedn birootiin badhaadhe hawwachuuf kaayyeffate irrattis buaa guddaa argamsiisa.
Sirna Ministira Dhimmi Alaa Ameerikaa Maarkoo Ruubiyoo waliin taasisaniin, ministiroonni dhimma alaa biyyoota lamaan waliigaltee bara 2024 loltoonni Ruwaandaa guyyoota 90 keessatti Baha Dr Koongoo irraa akka baan arguuf waadaa gale mallatteessaniiru jedha, akka gareen teeknikaa torban darbe jalqabee fi Rooyitars argee ture.
Dippilomaatii olaanaa Ruwaandaa Jimaata akka jedhetti Dr Koongoon hidhattoota Huutuu duguuggaa sanyii bara 1994 waliin walqabatee deggarsa jiru hunda gochuu dhiisuuf waliigale.
Kinshaasaa fi Kigaaliinis guyyoota 90 keessatti buuura idaamuu dinagdee naannoo akka jalqaban waliigaltichi ni mulisa.
“Ameerikaaf, mirga albuudaa baay’ee Koongoo irraa akka qaama isaatti argachuu kenna.
Ministirri Dhimma Alaa Ruwaandaa Niduhundirehe waliigaltee kana kan haala jijjiiruudha yoo jedhan, ministirri haajaa alaa Dr Koongoo Tereezii Kayikwamba Wagner waliigaltichi itti aansuun hojii irraa oolu qaba jedhan jedhan jechuun France 24 gabaaseera.

