• Tue. Apr 28th, 2026

Godina Baha Shaggar Aanaa Boosatitti murni Bilxiginnaa leenjii waraanaaf dargagoota adamsaa jiraachuun barame

Jul 8, 2025

ONM-ABO Adoolessa 8, 2025 

Adooleessa 5, 2025 murni Bilxiginnaa, aanaa Boosat gandoota jiran hunda keessatti akka karooraatti nama 30-40 leenjii waraanaaf kan barbaadan yommuu ta’u, ganda Rukkeechaa Boqoree irraa jaleewwan isaanii bulchitootaa fi milishoota garaaf jiraatan itti bobbaasuun dargagoota humnaan olii fi gadi ari’uun guuraa akka jiran jiraattonni gandichaa ONM’tti himaniiru.

Namoota haala kanaan fedhii isaanii malee dirqamaan adamsamanii fudhaman kessaa kan maqaan isaanii nu qaqqabee jiru:

  1. Bushuu Wataree,
  2. Warquu Tulluu,
  3. Boruu Assafaa,
  4. Eebbisaa Gammachuu,
  5. Dinquu Guutamaa,
  6. Nagaashuu Ayyaanuu,
  7. Gammachuu Roobaa,
  8. Baqalaa Dinquu,
  9. Bokonaa Gizaa fi 

kanneen biroo hedduun akka jiran maddeen keenya ibsaniiru. 

.

Gochaan afaan qawweetti fayyadamuun dirqamaan dargagoota funaanuu kun jalqaba  ji’a Adooleessaa irraa eegaluun gandoota kanneen akka Dhaddacha Hadheecha, Tiirii Birreettii, Araarsoo Beerooti fi kanneen biroo keessattis itti fufee akka jiru maddeen keenya dabaluun addeessaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading