• Fri. Jan 2nd, 2026

Godina Jimmaa Aanaa Saqqaa Coqorsaa keessatti ergamtoota sirnichaan hawaasni akka malee dararamaa jiraachuu maddeen ONM’tti himan

Jul 8, 2025

ONM-ABO Adoolessa 8, 2025 

Godina Jimmaa aanaa Saqqaa Coqorsaa gandoota akka Ushaanee Qoocee, Gibee Boosoo fi Meexxii Abbayyii keessatti ergamtoonni Bilxiginnaa Adoolessa 7, 2025 ganama barii barraaqa irraa eegaluun jiraattota dirqamaan baasanii biqiltuu baala shaayee dhaabsisaa kan turan ta’uu jiraattonni dubbisne tokko tokko Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Akka jiraattonni himanitti, biqiltuuma kana ittiin dhaabsisna jechuun torban darbe keessa nama tokko irraa qarshii 500-1,000 funaanaa kan turan yoo ta’u, maallaqa kanas hawaasa goyyomsanii walitti qabatanii dantaa dhuunfaaf erga oolfatanii boodas “ofii keessanii dhaabdu” jechuun dararaa jiraachuu fi namni ba’ee hin dhaabnes reebicha, hidhaa fi maallaqaan adabama jechuun doorsisaa kan jiran ta’uu dubbatu.

Jaleewwan Bilxiginnaa kunneen dararaa uummata Oromoo irratti raawwachuu ittuma fufuun, gandoota armaan oltti eeraman keessaa ganda Ushaanee Qoocee fi Gibee Boosoo keessatti Adoolessa 5, 2025 irraa eegalanii maqaa eegumsa halkanii jedhuun hawaasa dirqamaan daandii irra bulchaa kan jiran ta’uu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading