ONM-ABO Adoolessa 8, 2025
Lixa Wallaggaa aanaa Sayyoo Noolee ganda Duwwisoo keessatti Adoolessa 3, 2025 waraanni garboomfataan impaayera Itiyoophiyaa dargaggoo maqaan isaa Baduu Huseen jedhamu badii tokko malee reebicha ulfaataa ta’e irratti raawwachuun dargaggoon kun yeroo ammaa du’aa fi jireenya gidduu jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Akka maddeen himanitti, dargaggoon kun siyaasa kam keessa kan hin jirre yoo ta’u, ergamtoonni sirnichaa kunneenis “battala WBO’n jiru nutti himi” ittiin jennaan, “ani bakka isaan jiran hin beeku” jedhee oggaa deebisuuf sababa sobaa “ati miseensa WBO’ti” jedhu itti maxxansuun gocha gara jabinaa kana irratti raawwachuu dubbatu.
Ergamtoonni Bilxiginnaa kanneen garaa isaanii qofa guuttachuuf jooran, ilmaan Oromoo hunda saalaa fi umuriin osoo adda hin baasin sababoota sobaa garaa garaa itti maxxansuun dararaa ulfaataa irraan gahaa kan jiran ta’uun ni beekama.



