ONM-ABO Adoolessa 9, 2025
Godina Baha Shaggar aanaa Bachoo ganda Sooddoo Liiban jedhamu keessatti, Adooleessa 7, 2025 ergamtootni dantaa garaaf jiraatan waraanni Bilxiginnaa maqaa “sakkattaa WBO” jedhu dahoo godhachuun bobbaafan uummata nagaa jireenya isaa gaggeefachuu malee waa’ee siyaasaa homaa quba hin qabne saamicha qabeenyaa fi gubaatii manneenii irratti raawwachaa jiraachuu jiraattonni ONM’tti himaniiru.
Namoonni ganda Sooddoo Liiban irraa saamichi qabeenyaa fi gubaatiin manneenii irratti gaggeefame kunneen maqaan isaanii:
- Addunyaa Jabeessaa jalaa mana lama,
- Balaachoo Ayyalaa jalaa mana lama gubuun, loon 12 jalaa ooffatani kan deeman yommuu ta’u,
ganda Simbirroo Cirrachaa keessaa ammoo:
- Biraanuu Daggafaa jalaa mana tokko qabeenya mana keessaa guutuu wajjin abiddaan gubanii barbadeessuu maddeen ifoomsaniiru.
Murni garboomfataan Bilxiginnaa karoora ittiin uummata Oromoo cabsan baafachuun iddoowwan garaa garaatti waraana isaa uummatatti bobbaasuun saamichaa fi gubaatii manneenii gaggeessuun uummatni nagaan beela, qorraa fi aduun gidirfamaa jiraachuun ni beekama.


