• Fri. Mar 20th, 2026

Godina Lixa Harargee Aanaa Gammachiisitti jaleewwan Bilxiginnaa lafa qonnaan bultootaa saamuun mana irratti ijaarrachuu fi nama tokko rasaasaan dhahanii madeessuun himame

Jul 9, 2025

ONM-ABO Adoolessa 9, 2025 

Aanaa Gammachiis araddaa Gola Buubaatti namoota maqaan isaanii: 

  1. Mahaammad Abdallaa Ahimadii fi 
  2. Bilaal Ibraahim 

jedhaman lukkeeleen Bilxiiginnaa humnaan lafa isaanii irraa kaasuun uummata afaan qawween itti bobbaasanii jimaa fi buna isaanii jalaa buqqisuun waajjira irratti ijaarrachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Qonnaan bultoonni kunneen, daboo kadhatanii lafa isaanii qotachuuf dhaqnaan, bulchaan araddaa gara kaabinoota Bixiginnaa aanichaatti bilbiluun uummatatti marsee mana hidhaatti guuruuf dhukaasa irratti bannaan, uummanni immoo dhagaa fi mancaan falmatee of irraa qolachuun humna isaa erga itti agarsiiseen booda, jibba lukkeelee kanneeniif qabu ifatti diddaa mul’isuun dabalataan himameera.

Bakkichumatti, nama maqaan isaa Ismaa’il Yusuuf Ibraahim jedhamu miilla isaa irra rukutanii rasaasaan dhahanii madeessuun yeroo ammaa haala yaaddessaa keessa jiraachuun ibsamee jira.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading