ONM-ABO Adoolessa 9, 2025
Godina Lixa Wallaggaa aanaa Mana Sibuu magaalaa Mandii fi gandoota baadiyyaa adda addaa keessatti kaadiroonni fi kaabinoonni murna Bilxiginnaan uummatatti bobbaafaman hawaasa Oromoo irratti hidhaa fi ajjeechaa akkasumas doorsisa garaa garaa raawwachaa jiraachuu jirattoonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf addeessanii jiru.
Bifuma kanaan qubsuma hawaasaa keessa magaalaa hanga baadiyyaatti naanna’uun maatii qabsaa’otaa jechuun manneen jiraattotaa irra deemanii qabeenya dhaabbataa fi socho’aa osoo hin jedhin maallaqa dabalatee qabeenya gurguddaa hanga lukkuutti galmeessaa jiraachuu jiraattonni ONM’f eeran.
Yeroo adda addaatti qabeenya hawaasa Oromoo maqaa deggersa siyaasaa uummatni harka keessaa hin qabneen gubanii mancaasuun cinatti gara laafina tokko malee lubbuu ilmaan Oromoo galaafachaa kan turan kaadiroonni kunneen yeroo ammaa immoo ajandaa doorsisaa fi sodaachisaa qabatanii gadi bahuun Qeerroo Bilisummaa Oromoo fi Waraana Bilisummaa Oromoo jechuun sababa qabsaa’aa dirree irraa falmataa jiruun maatii qabsaa’aa manatti dararaa jiru.
Akka jiraattonni naannichaa ONM dubbise jedhanitti kanaan dura dararaan reebichaa fi ajjeechaan lubbuu namaa akkuma itti fufetti jiraachuu fi tibbana immoo maqaa maatii qabsaa’otaa jedhuun hawaasa hojii isaa irraa danqaa kan jiran yoo ta’u, akka waajjira poolisii aanaa Mana Sibuu ganda baadiyyaatti argamu keessatti namoonni 180 ol maqaadhuma kanaan hidhamanii gidirfamaa jiraachuu fi ammallee guyyuma guyyaan hawaasa ukkaamsanii hidhaatti darbachuun haalaan dabalee jiraachuu addeessaniiru.


