• Sat. Mar 14th, 2026

Raashiyaan Meeshaa waraanaa US gara Yukireenitti ergitu qulqulleessuuf yeroo fudhata jette

Jul 9, 2025

ONM-ABO Adoolessa 9, 2025 

Raashiyaan Kibxata kaleessaa akka jetti, Ameerikaan meeshaa waraanaa akkamii Yukireeniif akka dhiyeessitu qulqulleessuuf yeroo akka fudhatu erga Pirezidaantiin Doonaald Tiraamp Waashingitan meeshaa waraanaa dabalataa gara Kiiviitti erguun dirqama ta’a jedhanii ibsite.

Tiraamp Wiixata dheengaddaa akka jedhetti, Ameerikaan meeshaalee waraanaa dabalataa gara Yukireenitti ergitu, adda durummaan kan ittisaa, biyyi waraanaan miidhame kun tarkaanfii Raashiyaa cimsitu irraa akka of ittistu gargaara.   

Dubbi himaan Raashiyaa Dimitiri Peeskov waa’ee dubbii Tiraamp yeroo gaafataman, dhiyeessii meeshaa waraanaa Ameerikaan Yukireeniif dhiheessitu ilaalchisee ibsi wal faallessu hedduun akka jiru dubbachuun, geejjibni meeshaa waraanaa Awurooppaa itti fufee akka jiru ifa ta’u himan.

“Ifaadha, dhiyeessiin itti fufee jira, sun ifaadha. Ifatti, Awurooppaanonni Yukireen meeshaa waraanaatiin guutamtee akka tarkaanfattu gochuu keessatti dammaqinaan hirmaataa jiru,” jedhan Peskoov.

“Dhiyeessii akkamii fi baay’ina akkamii Yukireen Ameerikaa irraa argachuu itti fufti kan jedhu yoo ilaalle, ammallee kana qulqulleessuuf yeroo fudhata,” jechuun dabalaniiru.   

Peskov akka jedhanitti, Moskoon tattaaffii Tiraamp Raashiyaa fi Yukireen gidduutti kallattiin marii jalqabuuf taasisaa jiran dinqisiifattee, hariiroo daldalaa fi dinagdee Raashiyaa fi Ameerikaa deebi’anii jalqabuuf carraan guddaan akka jiru dubbataniiru.

“Yeroo ammaa garuu Ameerikaan uggura hedduu hojiirra oolchaa jirti. Qoqqobbiin kun seeraan ala ta’uu ni amanna, abbootii qabeenyaa keenya qofa osoo hin taane, abbootii qabeenyaa Ameerikaa irrattis miidhaa qaba,” jedhan Peskov jechuun Rooyiters gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading