• Thu. Mar 12th, 2026

Godina Lixa Shaggar Aanaa Iluu Galaan keessatti hidhaa fi dararaan hawaasa nagaa irratti ergamtoota sirnichaan raawwatu jabaachuun himame

Jul 10, 2025

ONM-ABO Adoolessa 10, 2025 

Lixa Shaggar aanaa Iluu Galaan ganda Warjii jedhamu keessaa Adoolessa 6, 2025 loltoonni Bilxiginnaa namoota maqaan isaanii:

  1. Juunee Hasan,
  2. Ahimaddiin Huseen,
  3. Huseen Mohaammadii fi 
  4. obboleessa isaa Hasan Mohaammad 

jedhaman badii tokko malee mana isaanii keessaa gadi baasuun reebichaa fi dararaa garaa garaa erga irratti raawwatanii booda waajjira poolisii aanichaatti geessuun hidhanii hiraarsaa jiraachuu Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Namoonni kunneen qonnaan bultoota hojii qonnaa irratti bobba’uun jireenya dhuunfaa isaanii geggeeffatanii fi hirmaannaa siyaasa dhaaba kamiiyyuu akka hin qabne himuun, waraanni sirnichaa ammoo “maaliif eeruu sochii Waraana Bilisummaa Oromoo nuuf hin kennitan?” jechuun gocha dabaa kana irratti raawwachuu dubbatu.

Ergamtoonni Bilxiginnaa dantaa dhuunfaa isaanii guuttachuuf jecha hawaasa nagaa ba’uu fi galuu dhorkachuun gochoota gara jabinaa hangana hin jedhamne irratti raawwachaa kan jiran ta’uun ni beekama.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading