ONM-ABO Adoolessa 11, 2025
Aanaa Dibaax ganda Gaalessaa jedhamu irraa ergamtoonni sirna bututaa suphuuf ifaajan Adoolessa 6, 2025 namoota maqaan isaanii:
- Obbo Kabaa Nagaasaa,
- Obbo Dassaalee,
- Obbo Masirashaa Yaadataa,
- Obbo Amanuu fi
- Obbo Unatuu Baqqalaa
kanneen jedhaman badii tokko malee maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jedhuun hidhanii dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Akka maddeen himanitti, jiraattotni kunneen siyaasa kam irraa bilisa ta’anis, hojii idilee isaanii irraa ukkaamfamuun hidhaatti darbatamanii dararamaa jiru.
Hojii hawaasni keessa hin jirre hunda itti maxxansuun dararaa ulfaataa hawaasa Oromoo irratti raawwachaa kan oolan, ergamtoonni Bilxiginnaa yeroo ammaa kana immoo akkuma impaayerattiitti haala duraan barameen olitti dararaa hammeessanii jiru.



