• Sun. Jan 11th, 2026

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Abee Dongorootti finxaaleeyyiin Amaaraa ilmaan Oromoo saamuu cimsanii itti fufan

Jul 12, 2025

ONM-ABO Adooessa 12, 2025 

Aanaa Abee Dongoroo ganda Hoomaa Gaalessaa bakka addaa Falmii jedhamu irraa hidhattoonni Amaaraa gargaarsa murna Bilxiginnaan utubamanii hidhannoo guutuun hawaasa Oromoo lafa irraa duguuguu irratti xiyyeeffatan, Adoolessa 5, 2025 qonnaan bultoota Oromoo maqaan isaanii:

  1. Obbo Umaroo Qaasimoo jalaa qorqoorroo baallee 60,
  2. Obbo Mu’aas Ibraahim jalaa boqqolloo kuntaala 4, qamadii fi xaa’oo kuntaala 1,
  3. Obbo Galaanoo Hasanee jalaa shonkoraa hundee 60 fi
  4. Obbo Abdurramaan Muummee jalaa immoo, qabeenya mana keessaa hunda saamanii deemuu 

namoonni itti dhiheenyaan beekan Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Gandoota aanichaa hunda keessatti hidhattoonni Amaaraa maqaa ‘Faannoo’ jedhu moggaafachuun socho’an kunneen, hiraarsaa yeroo yeroon hawaasa Oromoo irratti raawwatan jabeessuu fi addatti immoo gandicha irratti xiyyeeffachuun hawaasa Oromoo qe’ee fi qabeenya irraa buqqisuun, saamuun, ajjeesuu fi ukkaamsanii qarshii gurguddaa gaafachuun dararaa jiraachuu fi qaamni hanga ammaatti isaaniif birmachaa jiru akka hin jirres itti dabaluun himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading