ONM-ABO Adoolessa 20, 2025
Finxaaleeyyiin Amaaraa Faannoon Adoolessa 18, 2025 aanaa Gunaa ganda Jaawwii iddoo addaa Zoonii Solee jedhamu keessaa dargaggoo maqaan isaa:
- Kadir Ibraahim fi
- Abuu Adam
jedhaman cuubeen qaluun du’aniiru jedhanii hallayyaatti gatanii biraa kan deeman oggaa ta’u, uummatni miidhamtoota kanneen arguun fuudhee yaala olaanaaf hospitaala guddicha Adaamaatti ergee yaalchisaa jiraachuun ibsameera.
Kana malees yerooma walfakkaataa fi iddoo wal fakkaataa keessatti namoota 6 mana isaaniitii butanii erga hedduu reebanii miidhaniin booda aanaa Martii ganda Mool-Lamee Qarsaa iddoo addaa Maskoobee jedhamu keessatti ukkaamsanii maallaqa miliyoona lama fidaa yoo diddan immoo albeedhaan ijoollee keessan qalla jechuun maatii irratti bilbilanii doorsisaa kan jiran ta’uus jiraattotni dabaluun ifoomsaniiru.
Namoonni finxaaleeyyii Amaaraa kanaan ukkaamfan kunneenis maqaan isaanii:
- Umar Useen,
- Naasiruu Umaar,
- Muzeef Umaar,
- Nuuraa Hajjii,
- Ukaashaa Muktaar fi
- Sa’ada Huseen kanneen jedhamaniidha.

