• Tue. Jan 13th, 2026

Gamtaan Awurooppaa dhukaasa dhaabuu Israa’el fi Siiriyaa gidduutti taasifame simachuun eegumsi lammiilee nagaas gaafate

Jul 20, 2025

ONM-ABO Adoolessa 20, 2025 

Gamtaan Awurooppaa Sanbata kaleessaa dhukaasa dhaabuu Ameerikaan gidduu seenuun  Siiriyaa fi Israa’el gidduutti taasifte simachuun, jeequmsa garee du’aa argamsiise lafa giddu galeessa gosa Diruuz kibba Siiriyaa keessatti uumamuun haleellaa Israa’el kakaaseen “rifachuu” ibseera.

“Amma yeroon marii fi ce’umsa dhugaa hunda hammate tarkaanfachiisuudha. Aanga’oonni ce’umsaa Siiriyaa, aanga’oota biyya keessaa waliin ta’uun, lammiilee Siiriyaa hunda addaan baafamuu malee eeguuf itti gaafatamummaa qabu,” jechuun tajaajilli dippilomaasii Gamtaa Awurooppaa ibsa kenneen beeksiseera.

Akkasumas, yakkamtoonni seera idil-addunyaa “badii hamaa” duuba jiran hundi akka itti gaafataman gaafateera jechuun AFP’n gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading