• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Abee Dongorootti lukkeeleen Bilxiginnaa hawaasa irratti saamicha raawwachuu jabeessanii itti fufan

Jul 21, 2025

ONM-ABO Adoolessa 21, 2025 

Aanaa Abee Dongoroo gandoota akka: Loomicaa, Daalachoo, Tullu Gaanaa, Qe’ee 15, Qe’ee 21′ fi qe’ee 25 keessatti lukkeeleen Bilxiginnaa dantaa dhuunfaa isaanii qofaaf bakka laachuun, garaa isaanii furdifachuu ergama godhatanii hawaasa waan nyaatee bulu dhabee rakkatu saamuuf socho’an, maqaa “qawwee ittiin finxaaleeyyii Amaaraa ofirraa dhorkitan binna” jedhuun nama tokko irraa qarshii 40,000-60,000 guuranii dhowwachuu jiraattonni dubbisne Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeran.

Jaleewwan Bilxiginnaa kunneen kana duras, gandoota aanichaa hunda irraa maqaa gosa kaffaltii adda addaa uummatatti dhahuun saamaa kan turanii fi yeroo ammaa kanas haaluma duraa sanaan itti fufuun, sobanii “qawwee 150 isiniif dhiyeessina” jechuun erga hawaasa hunda irraa qarshii 8,000,000 (miliyoona 8) ol fuudhanii booda, achumaan jalaa callisanii dhiisuun dabalataan ibsameera.

Gama tokkoon akka waan hawaasa Oromoof dhaabbataniitti dubbachaa, faallaa isaa immoo finxaaleeyyii Amaaraa waliin harka lafa jalaan waliin ta’uun hawaasa Oromoo buqqisuun gochoota gara jabinaa ulfaataa raawwachaa jiraachuun ifoomeera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading