ONM-ABO Adoolessa 21, 2025
Godina Jimmaa aanaa Saqqaa Coqorsaa ganda Allaaggaa Andoodee jedhamu keessatti ergamtoonni Bilxiginnaa lafa qonnaan bultoota maqaan isaanii:
- Mahaammad Huseen,
- Abbaa Zinaab Abbaa Rashaad,
- Zaakir Abbaa Simal,
- Abbaa Jihaad Abbaa Simal,
- Badiruu Abbaa Simalii fi
- Miftaahii Abbaa Simal
jedhaman qabeenya lafa qonnaa isaanii irra jiru hunda beenyaa tokko malee jalaa mancaasuun laficha irra biqiltuu baala Shaayee oomishaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Maddeen akka himanitti, qonnaan bultoonni lafti isaanii jalaa saamame kunneen loon bakka tikfatan dhabanii gurguraa jiraachuu fi bakka biqiltuun kun itti oomishamaa jiruttis namni horii bobbaase qarshii adabamaa jiraachuu dubbatu.
Kana malees, biqiltuu kana hawaasa dirqamaan baasanii dhaabsisaa jiraachuu fi namoota irratti hin hirmaannes hidhaatti guuraa jiraachuu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

