ONM-ABO Adoolessa 21, 2025
Iraan, Biriteen, Faransaayii fi Jarman torban dhufu sagantaa niwukilaraa Tehran irratti mari’achuu akka danda’an dhaabbati oduu Iraan Tasnim Dilbata kaleessaa gabaaseera. Kunis marii deebi’anii jalqabuu dhabuun qoqqobbiin idil-addunyaa Iraan irratti deebi’ee akka kaa’amu biyyootni Awurooppaa sadan akeekkachiisa erga kennaniin booda.
”Qajeelfama marii irratti waliigalameera, garuu yeroo fi bakka marii kanaa irratti mariin itti fufee jira. Biyyi mariin torbee dhufu itti gaggeeffamuu danda’u hin xumuramne,” jechuun madda dhimmicha irratti odeeffate wabeeffachuun Tasnim gabaaseera.
Gabaasni marii ta’uu danda’u ilaalchisee ba’e kun kan ba’e erga Israa’elii fi Ameerikaan ji’a tokko dura dhaabbilee niwukilaraa Iraan haleelaniin booda ministiroonni dhimma alaa biyyoota E3 jedhaman, akkasumas itti gaafatamaan imaammata alaa Gamtaa Awurooppaa Ministira Dhimma Alaa Iraan Abbaas Aragaachi waliin waamicha isaanii isa jalqabaa erga taasisaniin guyyoota muraasa booda.
Maddi dippilomaasii Jarmanii Dilbata kaleessaa AFP’f akka mirkaneessanitti, Biriteen, Faransaay fi Jarman guyyoota itti aanan keessatti sagantaa niwukilaraa Iraan waliin marii haaraa gaggeessuuf karoorfatanii jiru jechuun dhaabbanni oduu kun gabaafameera.

