• Sat. Mar 14th, 2026

Ruubiyoon Siiriyaan haleellaa dabalataa akka ittistu, namoota waldhabdee Suweiydaa duuba jiranis akka itti gaafataman gaafate

Jul 21, 2025

ONM-ABO Adoolessa 21, 2025 

Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Maarkoo Ruubiyoon Dilbata  kaleessaa akka jedhanitti, Ameerikaan guyyoota lamaan darban keessa walitti bu’iinsa kibba Siiriyaa keessatti hammaataa dhufeen marii keessatti “hirmaannaa guddaa” keessa turte.

“US guyyoota sadan darban keessa Israa’el, Joordaan fi aangawoota Damaasqoo waliin haala suukaneessaa fi balaa kibba Siiriyaa keessatti mudate irratti hirmaannaa guddaa keessa turte,” jechuun Ruubiyoon X irratti dubbateera.

Walitti bu’iinsi garee humnootan hidhattoota gosa Beeduyin fi Diruuz gidduutti lafa wiirtuu hawaasa kanaa Suweydaa keessatti uumame mootummaa Siiriyaa, Israa’elii fi gosoota hidhatan biroo harkisee ture.

Mariin giddu-galeessa Ameerikaan taasifamu gidduu seentummaa waraanaa Israa’el dabalataa hambisuuf kan yaale yoo ta’u, humnoonni Siiriyaa naannicha keessaa ba’uuf waliigalaniiru.

Ruubiyoon itti dabaluudhaan “Aanga’oonni Damaasqoo carraa Siiriyaa tokkummaa, hunda hammatee fi nagaa qabdu galmaan ga’uu kamiyyuu kunuunsuu yoo barbaadan… humna nageenyaa isaaniitti fayyadamuun ISIS ittisuudhaan balaa kana xumuruuf gargaaruu qabu,” akkasumas gareewwan gara jabeeyyii biroon naannoo sana akka hin seenne “fi ajjeechaa akka hin raawwanne” gochuudha jedhan.

Mootummaan Siiriyaa “kanneen tarree isaanii keessa jiran dabalatee nama gocha hammeenyaatiin yakkamaa ta’e akka itti gaafatamuu fi seeratti akka dhiyeessu” gaafateera.

“Kana malees lola gareewwan Druuz fi Beeduyin gidduu jirus  hatattamaan dhaabbachuu qaba,” jechuun Ruubiyoon dabalaniiru.

Yeroo tokko ISIS naannoo bal’aa Siiriyaa to’annaa isa jala kan galchee  ture yoo ta’u, bara 2019tti Siiriyaa keessatti humnoota naannoon  mo’ame ture. Kunis tattaaffii humnoota Kurdootaan durfamu kan tumsa idil-addunyaatiin deggaraman irraa kan ka’e tjechuun Al Arabiya English gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading