• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Guutoo Giddaa keessatti murni maafiyaan PP hawaasa nagaa dirqamaan gara leenjii waraanaatti guuraa jiraachuun himame

Jul 22, 2025

ONM-ABO Adoolessa 22, 2025 

Baha Wallaggaa aanaa Guutoo Giddaa ganda Gaarii bakka addaa Korommii jedhamee waamamu keessaa Adoolessa 18, 2025 jiraattota maqaan isaanii:

  1. Dinqaa Tarrafee,
  2. Biraanuu Fufaa,
  3. Malkaamuu Nigaatuu,
  4. Habtaamuu Ittaanaa fi 

kanneen biroo hedduu ta’an ergamtoonni sirnichaa dirqamaan gara leenjii waraanaatti geessanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Namoonni kunneen irra jireessaan abbootii maatii kan ta’anii fi maqaa “milishaa taatanii nageenya biyyaa kabachiistu” jedhuun osoo ijoolleen isaanii itti boo’anii ukkaamsuun reebicha ulfaataa irratti raawwataa fuudhanii deemuu dubbatu.

Kufaatii gama maraan impaayerattii mudachaa jiruun muddama hamaa keessa kan seene Bilxiginnaan, amala sirna nama nyaataa Dargii irraa dhaale calaqqisiisuun yeroo adda addaatti kutaalee impaayerattii cufa keessaa ilmaan hiyyeessaa dirqamaan gara mooraa leenjiitti guuraa kan jiru ta’uun ni beekama.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading