ONM-ABO Adoolessa 22, 2025
Murni Bilxiginnaa jaleewwan isaa qe’ee uummata Oromootti bobbaasuun guyyuu dhiiga ilmaan Oromoo dhangalaasaa oolan, Adoolessa 20, 2025 godina Gujii Lixaa aanaa Bulee Horaa ganda Carii Saphaliisaa iddoo addaa Boolee jedhamutti namoota saddeet 8 bakka tokkotti jumlaan ajjeesuu fi haadha tokko ammoo daa’ima ishee waliin madeessanii deemuu jiraattotni Arraata Biyyooleessa Oromiyaatti himanii jiru.
Jiraattonni naannawwaa sanaa akka ONM’f eeruu kennanitti, namoonni ajjeefaman kunneen namoota nagaa hojii dhuunfaa isaanii irratti bobba’uun of jireessanii fi deggeraa siyaasa dhaaba kamiyyuu kan hin taane ta’anis, shiftoonni sirnichaa ammoo maqaa WBO deggerta jedhu itti maxxansuun bakka tokkotti kan ajjeesan ta’uu fi isaan keessaa abbaan maatii tokko ammoo ilmaan dubaraa isaa lama waliin kan ajjeefame ta’uu dubbatu.
Namootni iddoo tokkotti loltoota sirnichaan ajjeefaman kunneen maqaan isaanii:
- Roobee Hirbaayyee,
- Badhaatuu Roobee,
- Ideentuu Roobee,
- Barii Ansulloo,
- Qaalloo Mokkonnaa,
- Mitikkuu Mogosee,
- Baleelaa Adoolaa fi
- Geetuu Galgaloo
kanneen jedhaman yoo ta’an, haadhi tokko ammoo daa’ima ishee waliin madooftee jiraachuu jiraattonni dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf addeessanii jiru.
Tibbana Godinuma kana keessatti gochaawwan hammeenyaa murni PP uummata irratti godhu hammaachuun wal qabatee manneen jiraattootaa 102 ta’an loltoota sirnichaan gubatee barbadaa’uu isiniif gabaasnee turuun keenya ni yaadatama.


