• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Lixa Shaggar Aanaa Iluu Galaanitti loltoonni murna Bilxiginnaa dargaggoota hidhaatti guuruu cimsanii itti fufan

Jul 22, 2025

ONM-ABO Adoolessa 22, 2025 

Aanaa Iluu Galaan ganda Sadan Iluu jedhamu irraa jaleewwan murna Bilxiginnaa Adoolessa 17, 2025 maqaa “mooraa leenjii Waraana Bilisummaa Oromoo deemuuf jettu” jedhuun waan isaan keessa hin jirree fi quba hin qabne itti maxxansuun dargaggoota maqaan isaanii:

  1. Malkaamuu Tamasgeen,
  2. Toomaas Taaddasaa,
  3. Fiqaaduu Taaddasaa,
  4. Maammush Taayyee,
  5. Anuwaar Fayisaa,
  6. Daawwit Fayyeeraa,
  7. Mootummaa Baqqalaa,
  8. Daawwit Asfawuu,
  9. Dhugaasaa Waaqtaasuu,
  10. Shaanqoo Abbabaa fi 

kanneen biroo hedduu ta’an badii tokko malee ukkaamsuun hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Aanicha guutummaa keessatti loltoonni sirnichaa barcuma Abiy Ahimed tiksuuf bobbaafaman hawaasa yakkanii saamichaa eegalee hanga ajjeechaatti sarbamiinsa mirga namoomaa ulfaataa raawwachaa jiraachuun dabalataan ibsamee jira.

Loltoonni ajaja koloneel Abiy Ahimediin bobba’an dirqama qaama isaanii olii irraa itti kenname ba’anii jaallatamuuf jecha waan hawaasni keessa hin jirre kalaqanii itti moggaasuun dararaa ulfaataa qaqqabsiisaa kan jiran yoo ta’u, addatti immoo dargaggoota irratti xiyyeeffatanii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading