ONM-ABO Adoolessa 22, 2025
Dheengadda Adoolessa 20, 2025 aanaa Siree ganda Kolobaa Hawaas keessatti dargaggoo maqaan isaa Magarsaa Gammadaa Nagayoo jedhamu waraanni Bilxiginnaa gaaffii tokko osoo hin gaafatin rasaasaan ajjeesanii jiraachuu jiraattonni aanichaa ibsaniiru.
Dargaggoon kun dhalataa Baha Shaggar aanaa Boosat ganda Guuzaa Qonibee yoo ta’u, fira isaa ilaaluuf deemee ganda kana keessa kan jiru ta’uu fi ganduma kana keessaa dargaggoo maqaan isaa Dabalaa Gadaa Malkaa jedhamu immoo yeroodhuma sana qabuun eessa akka geessan hin baramin jiraachuu jiraattonni dabalataan Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf himaniiru.
Ittuma fufuun, guyyaadhuma sana Adoolessa 20, 2025 Arsiidhuma Bahaa aanaa Martii ganda Waaticha Dolee iddoo addaa Malkee jedhamu keessaa namoota jumlaan guuranii mana hidhaatti naquu, qabeenya isaanii guutuu mana keessaa saamuu fi kan ba’aa dadhaban immoo caccabsanii balleessanii deemuu jiraattonni ifoomsanii jiru.
Namoota murna kanaan qabamanii mana hidhaatti hiraarfamaa jiran keessaa kanneen maqaan nu qaqqabe:
- Gabii Goobanaa,
- Hassinaa Bahmudii,
- Qaasim Obsee,
- Aliyyii Kamaaloo,
- Madiinaa Gammadaa,
- Aayyolee Amanii,
- Madiinaa Deettii,
- Dureettii Abbaas,
- Caalaa Mammadaa,
- Shuruubbee Kataboo fi
- Aliyyii Suleeyman kanneen jedhamaniidha.

