• Tue. Jan 13th, 2026

Ergamaan Tiraamp marii waraana dhaabuu Gaazaa irratti gara Awurooppaatti yeroo qajeelanitti Gamtaan Awurooppaa Israa’el akeekkachiise    

Jul 23, 2025

ONM-ABO Adoolessa 23, 2025 

Gamtaan Awurooppaa rakkoo beela Gaazaa keessatti hammaataa dhufe irratti Israa’el tarkaanfii akka fudhattuyeroo lakkoofsi lammiilee Falasxiinota beelaan du’anii yoo xiqqaate 101tti olitti guddatettti  akeekkachiiseera.

Akeekkachiisni hogganaa imaammata alaa Gamtaa Awurooppaa, Kaja Kalas irraa Kibxata kaleessaa kan kenname yoo ta’u, Ameerikaan ergamaan addaa prezidaant Doonaald Tiraamp torban kana keessa Gaazaatti dhukaasa dhaabuu irratti mari’achuuf gara Awurooppaa akka imalan himteetti. Kalas barreeffama X irratti barreessiteen, “Israa’el waadaa galte yoo hin raawwanne filannoowwan hundi minjaala irratti jiru” jechuun gargaarsa namoomaa gara naannoo marfameetti guddisuuf dhaadatte.

Israa’el namoota nagaa Gaazaa keessatti gargaarsa barbaadan ajjeesuun ishee “fudhatama kan hin qabne” ta’uu fi  bakka raabsaat nyaataatti namoota ajjeesuu dhaabuu akka qabu ifatti dubbatteetti”

 US gama biraatiin ergamaan Tiraamp Isteev Witkoof gara biyya Awurooppaa tokkootti imaluun dhukaasa dhaabuu Gaazaa, akkasumas “koridoorii” gargaarsaa Gaazaa xumuruu irratti mari’achuuf akka jiran ibsiteetti. Sana booda marii dabalataaf gara Baha Giddu Galeessaatti qajeeluu mala jedha gabaasni miidiyaalee jechuun Aljazeeraan gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading