• Sun. Mar 15th, 2026

Godina Baha Harargee Aanaa Baddannootti ergamtoonni Bilxiginnaa maqaa gargaarsa raayyaa ittisa impaayerattiin saamicha raawwataa jiraachuun himame

Jul 23, 2025

ONM-ABO Adoolessa 23, 2025 

Aanaa Baddannoo araddaa Gooroo Wadoo jedhamu keessatti jala deemtonni Abiy Ahimed maqaa fedhan da’oo godhachuun hawaasa saamuu itti fufuun, Adoolessa 17, 2025 maqaa “horii raayyaan ittisa impaayerattii nyaatuuf qarshii kennaa” jedhuun jiraattota hunda irraa qarshii 100 harkaa fuudhaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Lukkeeleen Bilxiginnaa hawaasa jireenya harkaa gara afaanii jiraachuuf illee baay’ee rakkatu gidirsuun dantaa dhuunfaa isaanii guuttachuuf kan bololan saamicha ulfaataa qaqqabsiisaa kan jiran yoo ta’u, kaffaltii yeroo yeroon gaafataman waan fidanii kaffalan dhabanii jiraattonni hedduun yaaddoo hamaa keessa jiraachuun ibsamee jira.

Kana duras, Kaaba impaayerattii fi goleewwan Oromiyaa cufa keessatti hoggaa lolli itti hammaatu, murni Bilxiginnaa qaamolee isaa gara gadiitti dirqama kennuun akka isaan hawaasa irraa maqaa deggersa raayyaa ittisa impaayerattiin galii walitti qabaniif bobbaasaa akkuma ture, ammallee bifa haarawaan aanaa Baddannoo guutummaa keessatti jaleewwan Billxiginnaa maqaa gargaarsaan ilmaan hiyyeessaan taphataa jiraachuun baramee jira.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading