• Tue. Jan 13th, 2026

Siiriyaa qarqara galaanaa keessatti walitti bu’iinsa gareen namoonni 1,400 ol ajjeefamuu gabaasni ibse 

Jul 23, 2025

ONM-ABO Adoolessa 23, 2025 

Jalqaba bara kanaa naannolee qarqara galaanaa Siiriyaa keessatti guyyoota hedduudhaaf walitti bu’iinsa gareen lubbuun namoota 1,400 ol ta’an, kan ajjeeffaman yoo ta’u, irra caalaan isaanii lammiilee nagaa ta’uu isaanii koreen mootummaa haleellaa kana qorachuuf itti kenname argateera.

Koreen kun shakkamtoota 298 sarbama seeraa hamaa keessatti hirmaatan adda baasuu isaa ibseera. Yeroo jeequmsa lafa wiirtuu Alawaayiit biyyattii keessatti uumameen yoo xiqqaate miseensonni hawaasa xiqqaa 1,426 baatii Bitootessaa keessa du’aniiru.

Argannoon Kibxata kaleessaa kun kan dhufe erga jeequmsi haaraan hawaasa Diruuz  biyyattii hirmaachise ka’ee booda yoo ta’u, kunis mootummaan haaraan kun bulchaa yeroo dheeraa Bashar al-Assad – kan gosa Alawaayit Muddee aangoorraa kuffisee booda waldhabdee garee bulchuu fi nageenya eeguu danda’uu isaa irratti gaaffii dabalataa kaaseera.

Jeequmsi Bitootessaa kun kan raawwatame qarqara galaanaa Siiriyaa naannoo baay’inaangosti Alawaayit ta’e keessatti yoo ta’u, humnoonni mootummaa fi gareewwan michuu ta’an ajjeechaa  raawwachuu isaaniitiin kan himatamaniiru. Gareen  Observatory for Human Rights Siiriyaa akka jedhetti ammoo  namoonni 1,700 ol ajjeefamaniiru. Gabaasni koree kanaa akka jedhutti hoggansi waraanaa Siiriyaa hawaasa Alawaayit irratti haleellaa akka raawwatamu akka ajaje ragaan hin jiru jedhe jechuun Aljazeeraan gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading