ONM-ABO Adoolessa 24, 2025
Baha Shaggar aanaa Boosat magaalaa Doonii bakka addaa Biyyoo Diimaa jedhamutti waraanni goolessituun impaayera Itiyoophiyaa Adoolessa 20, 2025 dargaggoo maqaan isaa Raggaasaa Gammadaa jedhamu bakka inni hojii misooma dhuunfaa isaa hojjetutti itti dhaquun ari’anii dugda duubaan rasaasa itti dhukaasuun naasuu fi rifaatuu tokko malee qe’ee abbaa isaa irratti ajjeesanii deemuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Dargaggoo Raggaasaan siyaasa kam irraa bilisa yoo ta’u, ergamtoonni sirnichaa maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabda” jedhuun yakkanii gocha dabaa kana irratti raawwachuu dubbatu.
Ergamtoonni Bilxiginnaa hawaasa qaala’iinsa jireenyaa isa mudate injifachuuf dhama’u qe’ee fi qabeenya isaa irratti ajjeesuu fi hidhuun eenyummaa isaanii balleessuuf hojjetaa kan jiran yoo ta’u, sababa kanaaf jecha ilmaan Oromoo sochii jiraachuuf taasisan danqamuun yaaddoo hamaa keessa kan jiran ta’uun ibsameera.

